Daawwannaan Pirojektii Invastimantii Gaggeeffame


Jiilli Komishiinara Komishinii Invastimantii Oromiyaa Dr Baayisaa Badhaadhaatiin durfamu Pirojektii Warshaa Qorichaa Kilichi Istiroo Baayooteek plc GAONF Aanaa Baarrak keessatti argamu gaafa guyyaa 21/4/2013 Daawwate. Warshaan Qorichaa Kilichi Istroo Baayooteek plc kun Abbaa Qabeenyaa Biyya keessaa fi Hindiidha. Pirojektichi akka Afrikaa Bahaatti sadarkaa 3ffaa irratti kan argamuudha.
Komishiinarri Komishinii Invastimantii Oromiyaa Dr Baayisaa Badhaadhaa akka jedhanitti Komishinichi Pirojektoota Invastimantii hojii keessa jiran itti dhiyeenyaan deeggaruun daraan bu’a qabeessa akka ta’an gochuu fi Pirojektoota Invastimantii Haaraa gama hundaan Faayidaa ol aanaa qaban kanneen Warshaa Qorichaa Kilichi Istroo Baayooteek plc fakkaattanii fi Diinagdee Naannoo keenyaa darbees Biyya keenyaaf baay’ee murteessaa ta’an Simachuun gara hojiitti akka galan taatisuun Invastimantii Naannichaa daraan babal’isuuf Xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Bara Baajataa 2013 keessas Pirojektoota Invastimantii 4,200 ol Simachuun akka danda’ame Dr Baayisaan Dabalataan ibsanii jru.
Siyyum Hayiluutu gabaase
Muddee 21, 2013
Categories
- Beeksisa/Announcement (3)
- Facebook (1)
- Invastimantii Haaraa/New Investment (1)
- Oduu/News (13)